ONM-ABO Mudde 13, 2023
Haleellaan waggoota lamaan asitti humnoota Finxaaleyyii Amaaraa maqaa Faannoo jedhu moggaafachuun socho’aa jiraniin, uummata Oromoo Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa irratti irra deddeebiin raawwatamaa jiru, Lubbuu namoota hedduu balleessuun, qabeenyaa hedduu mancaasee, maatii hedduun akka buqqa’aaniif sababa ta’aa jira.
Dargaggootni Oromoo Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Amuruu magaalaa Agamsaa irraa uummata qe’eef qabeenya isaanii gatanii aanaa Buree irraa gara aanichaatti baqatanii jiraniif midhaan sassaabuu Konkolaataa Siinootiraakii tokkoon socho’aa turan kaleessa jechuun Mudde 12, 2023 Bakka Qorqobbee jedhamtutti Haleellaa Finxaaleyyii Amaaraa kanneeniin irratti raawwatameen jumlaan ajjeefamuu maddeen gabaasaniiru.
Duula jabaa meeshaalee waraanaa gurguddaan irratti gaggeeffamaa ture dheessuun Oromoonni Gojjam Lixaa aanaa Buree ganda Caaboo irraa buqqa’aan aanaa Amuruu qubsiifamanii jiraachuun kan beekamu yoo ta’u, namootni ajjeechaan jumlaa irratti raawwate kunis midhaan uummata isaanii kan bakkeetti baduuf deemu sassaabuuf tibba socho’aa turanitti haleellaan gara jabeenyaa kun irratti raawwatamuu maddeen ifoomsan.
Haleellaa namoota nagaa irratti raawwatame Kanaan namoota ajjeefaman keessaa kan maqaa arganne Abdallaa Waaqjiraa, Shuumatee Maammoo fi Konkolaachisaa konkolaataa abbaa isaatii konkolaachisaa ture nama Maatiyoos Nugusee jedhamu ta’uu kan himan maddeen, Konkolaataan ittiin deemaa turanis kan abbaa qabeenyaa Oromoo magaalaa Agamsaa Obbo Nugusee Baanjaa yoo ta’u, ilma isaanii ajjeefame faana konkolaatichis humnoota kanaan battaluma jalaa gubachuu beeksisaniiru.
Akka maddeen dabaluun ibsanitti namoota konkolaaticha Keessa turan keessaa lubbuun nama tokkoo qofti hafuu fi haga Oduun Kun qindaa’ettis reeffi namoota 13 maatii qaqqabuu ifoomsuun, ajjeechaa suukanneessaa lubbuu lammiilee nagaa irratti raawwatamaa jiru kanaafis qaamni barcuma aangoo impaayerattii of harka qabuu fi biyyan bulcha jedhu Bilxiginnaan birmannaa taasise tokkoyyuu kan hin qabne ta’uus addeessaniiru.

