Dararaan uummata Oromoo irra humnoota finxaaleyyii Amaaraan ga’u godina Horroo Guduruu Wallaggaa ona Amuruu keessatti itti fufuun bulchaan aanichaa haala kana mijeessuuf magaalaa Amuruu keessaa ba’ee magaalaa Agamsaa buufatee jiraachuu jiraattootni dubbatan.
ONM-ABO Fulbaana 29, 2022 Erga faashistichi Abiy Ahimed aangootti dhufe ilmaan nafxanyoota olaantumma isaanii mirkaneessuuf deggersa Shimallis Abdiisaatiin meeshaa waraanaa hidhachuun onota Baha Wallaggaa fi Horroo Guduru Wallaggaa keessa qubsiifaman.
Humnootni finxaaleyyii Amaaraa kun waggoottan lamaan kana godina Baha Wallaggaa aanaa Kiiramu ganda Yaayyaa Xobbee jedhamutti of ijaaranii humna godhachuun uummata Oromoo qe’ee irraa buqqisaa ,manneen jiraattota dhibbootaan lakkaa’aman barbadeessuun lubbuu namoota hedduus galaafataniiru.
Humnootni kun Baha Wallaggaa aanaa Kiiramu ganda Haaruu jedhamu irraa humna guddaan gara godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Amuuruutti socho’uun lubbuu namoota hedduu obbaasan.
Hanga gabaasni kun qindaa’ettis reeffii namoota hedduu bakkee irraa argama jiraachuu jiraattoonni lubbuun baqatani ba’an Arraata Biyyoolessa Oromiyaattii himaniiru.
Ajjeechaan akka hin dhaabbanneef ammas haala mijeessuuf bulchaan aanaa Amuruu obbo Faantahuun Taayyee magaalaa Amuuruu gadhiisuun magaalaa Agamsaa maadheeffate hidhattoota Faannoo kan naannoo Amaaraa irra laga Abbayyaa ce’uun uummata kana ajjeesuuf dhufan simachuun uummatatti bobbaasaa jiraachuus jiraattoonni dabaluun ibsanii jiru.
Humni waloo waraana bilxiginnaa fi hidhattoota Faannoo kun torban kana qofaa lubbuu namoota dhibbaan lakkaa’amanii galaafatanii qabeenya saamuun akkasumas namoota kumaan lakkaa’aman qe’ee irraa buqqisanii jiraachuun ni beekama.

