ONM-ABO Bitootessa 20, 2024
Akka maddeen jedhanitti Bitootessa 15 irraa eegaluun magaalaa Ciroo keessatti poolisii humna addaa Oromiyaa deebisnee aanota irratti ijaaruu qabna jechuun magaalicha keessatti bakka tokkotti mari’achaa turuu maddeen ibsan.
Kanuma irraa ka’uun aanaalee godinichaa hunduma keessatti uummataan walgahii ba’aa jechuun erga walgahii baasanii ammoo humna nageenyaa keenya waliin taatanii waraana Bilisummaa Oromoo akka godina kanaatti socho’aa jiru balleessuu qabdu jechuun uummata dirqamsiisaa turuu dubbatu.
Karaa itti agarsiisuu akkasumas wantoota akka nyaata waraanaa gochuu qabdan jechuun uummata dirqama irra kaa’uu isaanii himuun, hirmaataa walgahii keessaa gaaffiin nuti harka duwwaa akkamiin waraana waliin taanee barbaanna jedhanii gaafatanis karaa duwwaa itti agarsiistu akkasumas lafa waraanni Bilisummaa Oromoo jiru itti himtu kana hin gootan taanaan rakkoo booddee dhufuuf itti gaafatamaan matuma keessan ta’uu beekaa jechuun doorsisaa turuus himan.
Akka maddeen jedhanitti kan ofii qawween Waraana Bilisummaa Oromoo dadhaban uummanni maal haa godhuu gidirsu jechuun, kaayyoon isaaniis uummataa fi Waraana Bilisummaa Oromoo wal jibbisiisuu waan ta’eef shira isaanii kanas uummanni godinichaa irratti dammaquu akka qabus himeera.

