Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Shaggar aanaa Jalduu magaalaa Bonii keessatti waraanni fi kaabinoonni aanichaa uummata walgahii baasanii WBO’n badeera jechuun uummata burjaajeessaa jiraachuun beekame

ONM-ABO Bitooteessa 29, 2024

Kaabinoonni sadarkaa olii hanga gadiitti jiran yeroo hedduu irra deddeebiin Waraana Bilisummaa Oromoo balleessine, biyyaa baafne, akkasumas sadarkaa biyyaaf yaaddoo hin taane irraan geenyee jirra, jechuun karaa miidiyaa fi dabballoota isaanii uummata burjaajeessuuf dhama’aa turuun isaanii ni beekama.

Guyyaa kaleessaa jechuun Bitootessa 28, 2024 godina Lixa Shaggar aanaa Jalduu magaalaa Bonii keessatti kaabinoonni fi waraanni sirnichaa uummata magaalichaa dirqiin walgahii baasuun, kana booda WBO’n badeera waan ta’eef waanti isaan bira deemtanii dhimma keessan itti himattan hin jiru, nama rakkoo keessan isiniif furu milishaa kennadhaa jechuun mariisisaa turuu hirmaataan walgahiichaa tokko ONM’tti himeera.

Uummanni dirqamaan walgahii ba’e kunneenis soba isaanii waan hubataniif milishaa isaan jedhanis harkatti diduun callisanii gara mana isaaniitti akka deebi’an ibseera.

Akka hirmaataan kun dabaluun ibsetti WBO’n isaan bade jedhan gandootuma magaalaa Boniitti aananii jiran kanneen akka Qarsaa Mirxii, Kilbee, Qoricha Dheeraa fi Badhaas Qorichaa keessatti baayinaan akka argamanii jiranis ibse.

Akkasumas waraanni fi kaabinoonni kunneen dirqamaan milishoota ittiin ofitti makuuf akka jiran dubbachuun hawaasni walgahii ba’e kunneenis soba isaanii baranii akka dhiisanis himan.

Exit mobile version