Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Shaggar aanaa Jalduutti Waraanni murna bilxiginnaa geejjiboota akka Baajaaajii ugguruu, mana barumsaa fi mana amantaa mooraa isaanii godhachuun barame

Lixa Shaggar aanaa Jalduutti Waraanni murna bilxiginnaa geejjiboota akka Baajaaajii ugguruu, mana barumsaa fi mana amantaa mooraa isaanii godhachuun barame.

ONM-ABO onko 25, 2022
Lixa Shaggar aanaa Jalduu keessatti kaabinoonni fi waraanni sirnichaa wal ta’uun uummata dararaa fi saamaa kan turan yoo ta’u namoonni hedduunis rakkoo hamtuuf saaxilamanii jiru. Haaluma kanaan bulchinsa magaalaa Goojjoo keessatti tarkaanfii gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo naannoo Koluu jedhamutti mooraa diina seenuun diina irratti fudhatee as Waraanni fi kaabinoonni aanichaa sodaa keessa galuun bajaajoonni akka hin sochoone dhorkuun uummata dararaa jiru. Mana Amantaa Ortodoksii Goorgisii jedhamuun beekamus meeshaalee gurguddaa achii keessa kaawwachuu fi akka namni dhaqee sirna amantaa isaa itti hin geggeeffanne dhorkamanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan. Halkan halkan nama karaa sana darbu eeguun reebicha hamaa erga irraan ga’aniin booda maallaqaa fi bilbila namoota harka saamaa jirus jedhaniiru. Aanuma sana magaalaa Bonii keessattis mana Barumsaa sadarkaa1ffaa Bonii jedhamuun beekamu waraanni sirnichaa baatii shaniin dura moora isaanii godhatanii turan hanga ammatti keessaa ba’uu diduun barattoonnis hanga yoonaatti barnoota akka itti hin eegalle maddeen himaniiru.

Exit mobile version