Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Kibba lixa Shaggar aanaa Qarsaa Maallimmaa fi Tolee keessatti namootni 2 waraana faashistii PP’n ajjeefaman

ONM- ABO Bitootessa 18, 2024

Caasaan murna maafi’aa PP ajjeesuun gootummaa itti fakkachuu fi teessoon impaayera Itoophiyaas tokkichi kan isheen ittiin kabajamtu afaan qawwee qofaan kan jedhutti amanuun namoota hirmaannaa siyaasaa homaa hin goones ajjeesuu irratti fuulleffatee argama.

Akka kanaanis Bitootessa 16, 2024 godina Kibba lixa shaggar aanaa Qarsaa Maallimmaa ganda Awwaash Faltee jedhamu keessatti jaarsa biyyaa abbaa ilmaan 5 obbo Charuu Daadhii Kan jedhamu waraanni gabroomsaa PP ganama obboroon maatiin osoo itti bo’anii qabuun barii irraa ajjeesuun himame.

Oduuma ajjeechaan wal-qabatuunis godinichuma aanaa Tolee ganda Wasarbii Migirriddii jedhamu keessatti barataa barnoota isaan jabaa ta’e kan maqaan isaa Sabboonaa Kumaa jedhamu waraanni maafi’aa PP mana barnootaa inni itti baratu mana barumsaa Lalisee jedhamu keessaa qabuun guyyaa shaniif hiraarsaa turuun, Bitootessa 16, 2024 akka ajjeesan dubbatu.

Akka jiraattotni jedhanitti dargaggoon kun mooraa waraanaa keessaa erga waraanuma kunneeniin baafamee booda naannoo mana amantaa Isgaarabii jedhamutti kan ajjeefamee gatame yoo ta’u, maqaa WBO’f heeruu laatta jedhuunis akka ta’e dabaluun himaniiru.

Exit mobile version