Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Shaggar aanaa Dugdaatti waraanni faashistii PP hawaasa nagaa saamuu, hidhuu, hiraarsuu fi mana barumsaa mooraa waraanaa godhatee galmeen barattotaa akka hin eegalamne dhorkuun himamee jira

ONM-ABO Hagayya 26, 2024

Koloneel Abiy Ahimed irraa ajaja fudhachuun loltoonni isaa Oromiyaa bakkeewwan adda addaatti yakkoota walfakkaataa raawwachuu itti fufanii jiru.

Akkaataa kanaan, godina Baha Shaggar aanaa Dugdaatti loltoonni sirnichaa hawaasa nagaa irratti yakkoota garaa garaa raawwachuun hawaasni dararamaa jira.

Aanaa Dugdaa ganda Birbirsa Guddaa Saabolee jedhamutti guyyaa  dheengaddaa Hagayya 23, 2024 loltoonni maafiyaa PP nama maqaan isaa “Lammaa Leenjisoo” jedhamu jalaa qotiyyoo cimdii tokko saamuun isa manaa dhabanii mucaa isaa hangafaa kan ta’e “Fittaalaa Lammaa Leenjisoo” kan jedhamu qabanii deemuun hidhaatti darbachuu jiraattonni Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.

Aanuma kana ganda Hafaa Qamalee jedhamu irraa guyyuma kanatti loltoonni sirnichaa mana Amantaa Waaqeffataa seenuun hawaasa Waaqeffannaarra jiru gadi baasanii reebicha hamaa irraan ga’anii kan jiranii fi mana uummataa irra deemuun cabsanii nyaataa fi aannan fudhatanii fayyadamaa turuu   maddeen itti dabaluun himaniiru.

Dabalataan, mana barumsaa gandicha keessatti argamu mana barumsaa Hafaa Qamalee jedhamu waraanni faashistii PP mooraa waraanaa godhachuun yeroo ammaa barattoonni barnoota eegaluuf yeroon galmee xumuramaa yeroo  jirutti, maatiin barattootaa bakka itti galmeessan dhabanii rakkachaa kan jiran yoo ta’u,  hoogganaa mana barumsaa yeroo gaafatan homaa waan isiniif goonu hin qabnu, yoo isiniif danda’ame gara magaalaa Maqiitti erguun “akka isaan achiitti baratan taasisaa” jedhee deebisaafii jiraachuu itti dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version