ONM-ABO Hagayya 16, 2024
Tarkaanfiin gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo handhuura biyya abbaa isaa Finfinnee marsee fudhachaa jiru egeree imphaayerattiif abdii kan isaan kutachiise bilxiginnaa fi loltoonni isaanii hundi yeroo ammaa kana guutuu Oromiyaatti yakkoota gara jabinaa hangana hin jedhamne uummata Oromoo irratti raawwachaa jiru.
Bifuma kanaan, loltoonni Bilxiginnaa godina Baha Shaggar aanaa Dugdaatti gubaatii manneenii, saamichaa fi hidhaa hawaasa nagaa irratti raawwachuu itti fufanii jiru.
Aanicha ganda Waldaa Hafaa jedhamu keessatti Hagayya 15, 2024 loltoonni Abiy Ahimed nama maqaan isaa Diittaa Tujaaraa jedhamu “Waraana Bilisummaa Oromoo nyaachiste, obaaste” jechuun mana jireenyaa 2 qabeenya inni mana keessaa qabu hunda waliin gubuun, loowwan 5 fi re’oota 3 jalaa ooffatanii deemuun maatii isaa bakkeetti facaasanii jireenya gadadoo fi rooba gannaaf saaxilanii jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.
Dabalataan, ji’oota darban keessa onuma kana ganda Hafaa Qamalee jedhamu irraa waraanni PP jiraattota maqaan isaanii Tolaa Waaqayyoo fi Gabuu Hawwaa kanneen jedhaman jalaa re’oota 4 saamuun rasaasaan rukutanii qalatanii nyaachuu maddeen keenya itti dhiyoo jiran eeraniiru.
Ganduma kana irraa Hagayya 14, 2024 nama maqaan isaa Tujaaraa Magarsoo jedhamu maanguddoo ganna 80 kan ta’e loltoonni sirnichaa reebicha hamaa ta’e erga irraan ga’aniin booda hidhatti darbachuun isaanii ONM odeeffateera.

