ONM-ABO Hagayya 11, 2024
Murnoonni bilxiginnaa safuu fi safeeffannaa hin beekne dhiiraa fi dubartii osoo hin jenne ilmaan Oromoo hunda akkuma barbaadanitti akka kubbaatti dhiituun safuu fi duudhaa hawaasichaa cabsuu kan amaleeffatan, godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Sadeen Sooddootti loltoonni imphaayerattii uummata irratti saamicha, reebichaa fi gubaatii manneenii raawwachuun ibsamee jira.
Guyyoota afuriin dura aanaa Sadeen Sooddoo ganda Gonnaan Bubbisaa jedhamutti nama maqaan isaa Turee kormee jedhamu jalaa mana isaa ibidda itti shiduun yoo guban, horii inni qabu cufa konkolaataatti fe’atanii gara magaalaa aanichaatti deebi’anii jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.
Dabalataan immoo, ganduma sana keessaa nama maqaan isaa Ayyaansaa Kaasaa jedhamu irratti reebicha hamaa ta’e irratti raawwachuun hidhanii garmalee dararaa jiraachuu jiraattonni gandichaa itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

