Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Kibba Lixa Shaggar Aanaa Sadeen Sooddootti tiksitoonni impaayerattii nama tokko madeessanii, saamichas raawwachuun dhaga’ame

ONM-ABO Caamsaa 31, 2025 

Uummata Oromoo mirga namummaa isaa irraa mulqanii qe’ee isaa keessatti itti duuluun jiruu fi jireenya isaatti dukkana kan uffisan ergamtoonni murna Bilxiginnaa godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Sadan Sooddoo ganda Algaa Wasarbii jedhamutti Caamsaa 30, 2025 nama maqaan isaa Obbo Abaataa Tasammaa jedhamu ganama barii toora sa’a 2:30’tti rasaasaan rukutanii madeessuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru.

Akka jiraattonni gandichaa yaada isaanii ONM’f ibsanitti Obbo Abaataan jaarsa gaaddisa biyyaa ta’anii fi hawaasa naannoo isaanii keessatti kabajaa fi jaallatamummaa guddaa kan qaban yommuu ta’an jaleewwan Bilxiginnaa aantummaan saba irraa dhalatanii isaanitti hin dhaga’amnee fi dantaa murna tokkoo qofatti fuulleffachuun dhiiga hawaasa qulqulluu dhangalaasuu aadeffatan balleessaa tokko malee qe’ee isaatti dhaquun sababa Oromummaa isaa qofaaf yakkanii rasaasaan madeessuu dubbatu.

Mataa murna Bilxiginnaa ta’uun ergamtoota isaa qe’ee hawaasa nagaatti bobbaasee uummata Oromoo irratti gochoota badii kanneen akka saamicha, hidhaa, ajjechaa fi gubaatii manneenii raawwachiisaa kan jiru koloneel Abiy Ahimed har’as hojii hammeenyaa isaa kana itti fufee jira.

Exit mobile version