Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Qarsaa Maallimaa keessatti waraanni Bilxiginnaa namoota nagaa jalaa horii fi midhaan saamuun ibsame

ONM-ABO Amajjii 14, 2026 

Godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Qarsaa Maallimaa ganda Gooroo Gabreelii iddoo addaa Haroo Carii jedhamutti Amajjii 12, 2026 waraanni Bilxiginnaa maqaa sakatta’iinsa WBO jedhuun magaalaa Adaadii irraa gara gandichaatti bobba’uun sangaa tokko fi midhaan qamadii kuntaala 6 fudhachuun garaa mooraa waraanaa magaalaa Adaadii keessatti argamutti geeffachuu jiraattonni ifoomsaniiru. 

Namoota saamichi irratti raawwatame keessaa kan maqaa arganne, haadha ilmaanii nama maqaan ishee Aadde Geexee Bojaa jedhamtu jalaa sangaa intalli isaanii biyya ormaa keessa teessee hojjettee maallaqa maatiif ergiteen bitatan kan tilmaamaan qarshii kuma torbaatamaa ol bituu danda’u gara jalaa saamaniiru. 

Nama maqaan isaa Obbo Dirribaa Badhaadhaa jedhamu jalaa immoo gosa midhaan qamadii kuntaala 6 saamuun beekameera. 

Obbo Dirribaan maanguddoo ganna 70 olii nama gaaddisaa araaraa jala ooluun namoota wal dhaban araarsuun beekaman jaalala uummatni naannichaa qabuuf irraan kan ka’e uummata mufachiisuu fi dantaa dhuunfaa isaaniitif jecha akka saaman jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.  

Akka jiraattonni gandichaa addeessanitti namoonni saamicha qabeenyaa kanaaf saaxilaman hundi isaanii kanneen hirmaannaa dhaaba siyaasaa kamuu keessatti hin argamneedha jechuun jiraattonni dabalataan ibsaniiru. 

Waraanni goolessaan murna Bilxiginnaa hammeenya uummata nagaa irratti raawwatan malee uummata kabajaa fi jaalalli maluuf waan gaarii hojjechuu fi leenjii mooraa waraanaa keessatti akkaataa uummata ittiin jiilchuun danda’amu kan akka reebichaa, hidhaa, saamichaa hanga tooftaa ajjeechaa lubbuu ilmaan namaa leenjifamuun turtii angoo abbaa irree ittiin dheeressan barsiifamuun bobbaafaman uummata irratti raawwachuu gabaasni guyyaa guyyaan Arrata Biyyooleessa Oromiyaa dhaqqabu ni ifoomsa.

Exit mobile version