Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni faashistii PP Kibba Lixa Shaggar Aanaa Toleetti, ajjeechaa, saamichaa fi gubaatii manneenii raawwachuun dhaga’ame 

ONM-ABO Caamsaa 13, 2025 

Impaayera walwaraansi gama maraan  keessatti adeemsifamaa jiru tasgabbii fi nagaan keessatti akka hin buuneef waraana kuma dhibbootaan bobbaasee dhiiga lammiilee qulqulluu dhangalaassisaa kan jiru Koloneel Abiy Ahimed godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Toleetti waraanni inni bobbaase nama tokko ajjeesuun, saamichaa fi gubaatii manneenii raawwachuu jiraattonni ONM’f eeraniiru.

Caamsaa 12, 2025 aanaa Tolee ganda Baantuu Boodhaa keessatti qonnaa bulaa maqaan isaa Obbo Mangistuu Geetaachoo jedhamu osoo inni bakka ooyiruu isaa deemaa jiruu daandii gubbaa irraa qabuun ajjeessanii gatuu jiraattonni himan.

Namni kun umuriin isaa 45 kan ta’ee fi abbaa ilmaanii yoo ta’u, qonna qotuun ilmaan isaa jiraachifachuu malee tuttuqaa siyaasa qaama kamii kan hin qabne ta’uu jiraattotni itti dabaluun gabaasan 

Akkasumas, guyyaadhuma sana Caamsaa 12, 2025 ganda Dhukaat jedhamu keessatti nama maqaan isaa Obsee Guddisaa jedhamu jalaa mana jireenyaa qabeenya guutuu waliin gubanii oggaa barbaadessan, aanichuma ganda Aqoocee Maaramii keessatti ammoo nama maqaan isaa Asinaaqaa Taammanaa jedhamu jalaa horii 4 ooffatanii akka deeman ONM odeeffateera.

Exit mobile version