Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Murni Bilxiginnaa Godina Kibba Lixa Shaggar Aanaa Sadeen Sooddootti manneen uummata nagaa Afur gubuun dhagahame

ONM-ABO Adoolessa 31, 2025 

Uummanni Oromoo erga murni Bilxiginnaa aangoo qabatee gidiraa inni keessummeessaa jiru kan duraa caalaa itti hammaachuun, Adoolessa 28, 2025 Kibba Lixa Shaggar aanaa Sadeen Sooddootti jiraataa ganda Guraagoo kallachaa kan ta’e nama maqaan isaa Daanyee Haayiluu jedhamu jalaa manaa fi qabeenya mana keessaa guutummaatti abiddaan barbadeessanii deemuu jiraattoonni ONM’tti himaniiru. 

Guyyaadhuma kana Adoolessa 28, 2025 aanaadhuma Sadeen Sooddoo ganda Dhibaayyuu Muudanaa jedhamu keessattis: 

  1. Obbo Shallamaa Gonfaa jalaa mana lamaa fi qabeenya manaa yoo guban, 
  2. Obbo Tafarii Hamdinee jalaa mana tokkoo fi qabeenya manaa gubanii barbadeessanii akka jiran jiraattotni dabaluun ibsaniiru. 

Aanaa Sadeen Sooddoo gandoota garaa garaa keessatti murni Bilxiginnaa ergamtoota isaa bobbaasuun gubaatii manneenii fi mancaatii qabeenyaa daran hammeessanii jiraachuu kanaan dura isiniif gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

Exit mobile version