ONM-ABO Hagayya 9, 2024
Gareen faashistii PP olaantummaa seeraa kabachiisuu maqaa jedhuun hawaasni siyaasa qofa utuu hin taane, karaa dinagdees akka dadhabaniif Oromiyaatti waraana bobbaasuun saamicha ulfaataa raawwachuu jabeessaniiru
Abbootii qabeenyaa dhaabbata daldalaa gurguddoo qaban kanneen sabaan Oromoo ta’anii kaasee hanga ilmaan hiyyeessaa baadiyyaa Oromiyaa keessa jiraatanitti duulli saamichaa murna bilxiginnaan labsamee jiru jabaachuun dheengadda Hagayya 6, 2024 godina Lixa Shaggar aanaa Sadeen Sooddoo ganda Wasarbii jedhamu keessaa horii 50 ol waraanni faashistii PP saamuun beekame.
Miseensota maatii tokkoo kan ta’an waraanni bulchiinsa magaalichaa irraa itti bobbaa’an horii 50 ol jalaa saamuun kan himamu ogguu ta’u, maqaan namoota kanneeniis: obbo Turee Kormee, Mallasaa Kormee, Lataa Kormee , Tamasgeen Turee haadha manaa fi ijoollee lama Heeyyoo Kushuu, Maammush Kushuu, Ayyaasaa Kaasaa, Lammaa Gammachuu, Tolii Baqqalaa, Alamii Rattaa, Yaadasaa Farajaa, Damee Turee, haadha manaa Leellisaa Boontuu Turee fi Gaaddisee kanneen jedhaman jalaa qabeenya hedduu akka saaman ONM odeeffateera
Kana malees onicha keessatti saamichi daangaa hin qabne maatii qabsaa’otaa fi jiraattota irratti taasifamaa kan jiru ogguu ta’u, namoonni hedduun yakka tokko malee mana murtiitti osoo hin dhiyaatin yeroo dheeraaf dararamaa akka jiran beekameera.

