ONM-ABO Adoolessa 23, 2024
Dhiittaan mirga namoomaa dhala namaa irratti imphaayera Itiyoophiyaa keessatti ta’aa jiru jabaatee itti fufuun, waraanni saba irraa dhalataniif gara laafina hin qabne qe’ee Oromootti bobbaa’anii ajjeesuu, saamuu fi hidhuun daba seenaan hin daganne hojjechaa jiru.
Akkuma kanaanis godina Lixa Shaggar aanaa Gindabarat keessatti waraanni faashistii PP ji’a tokko keessatti loon konkolaataa lamaa fi midhaan konkolaataa tokko fe’achuun gara Ambootti guuruun himameera.
Aanaa Gindabarat bakka addaa Nyamar Bulloo jedhamuu midhaan uummataa konkolaataa 2 fi horii konkolaataa 1, baay’ina horii 150 kan ta’u turtii ji’a tokkootti walitti qabachuun qe’ee hawaasaa onaa taasisuun akka fe’atan jiraattonni ONM’tti himaniiru.
Dabalataanis uummanni nagaan baay’inni isaanii 40 ol ta’an maqaa hariiroo WBO waliin qabdu jedhuun gandoota baadiyyaa irraa gara aanaatti dabarfamanii hidhaan hiraarfamaa akka jiran beekameera.

