ONM – ABO Bitootessa 9, 2024
Gareen faashistii PP Abiy Ahimediin aangoo irra tursiisuuf ifaajan waraanni, kaabinee fi milishootni bilxiginnaa godina lixa Shaggar aanaa Abuunaa Gindabarat fi Gindabarat keessatti saamichaa fi hidhaa dabalatee qonnaan bulaa tokkos ajjeesan.
Kaleessa Bitootessa 8, 2024 aanaa Abuunaa Gindabarat ganda Buuqqasoo bakka addaa Qarree Dibaatti waraanni faashistii PP qabeenya barbadeessuun hidhaa fi saamichas raawwatan.
Akka kanaanis obbo Dirribaa Raggaasaa abbaa maatii 6 jalaa manaa fi qabeenya mana keessa jiru cufaa abiddaan kan barbadeessan yoo ta’u obbo Biraanuu Abdiisaa abbaa maatii sadii jalaas manaa fi qabeenya mana keessa jiru cufaa abiddaan barbadeessaniiru.
Jiraattota gandichaa ammaaf maqaan isaanii adda hin baane akka fuudhanii deemanii fi loon hedduus ooffatanii gara magaalaa aanaatti deebi’uu jiraattotni himan.
Godinichuma aanaa Gindabarat ganda Waashaa bakka addaa lafa Gabaa Dafinootti Obbo Xilaachoo Dabalee jalaa manaa fi qabeenya mana keessa jiru cufaa abiddaan kan barbadeessan yoo ta’u, ganda Bakkee Fayyinaatti ammoo obbo Taalammaa Kuraa abbaa ijoollee 2 kan ta’e qe’ee isaatti rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatan.
Gandoota Waashaa fi Bakkee Fayyinaatii namoota qabamanii fi loon uummataa hedduu fudhachuun magaalaa aanichaa Kaachisiitti galaniiru.
Rakkoo aanicha keessatti waraana goolessaa PP’n bobbaafamaniin uummata irra ga’aa jiru akkaataa quunnamtii arganneen dubbisnee isiniif dhiyeessina.

