Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Shaggar aanaa Gindabarat keessatti waraanni faashistii Itoophiyaa holola maree araaraa da’oo godhachuun miidhaa ulfaataa qaqqabsiisaa jiru 

ONM-ABO Eebila 28, 2023

Lixa shaggar aanotaa fi gandoota hedduu keessatti hidhaa, ajjeechaa, saamichaa fi dararaa ulfaataan tibba mariin nagaa buusuu jedhu sirnichaan afarfamaa jirutti waraanuma sirnichaatiin hammaataa jira jedhu jiraattotni.

Kanumaan wal qabatee dheengadda Eebila 26, 2023 lixa Shaggar aanaa Gindabarat Ganda Commee mana Abbaa Irgaa bakka addaa Bashoo jedhamtutti barataa kutaa sagalii Taarikuu Abbabaa jedhamu, ooyiruu qonnaa keessaa maatii biraa qabuun bakka Qarree Gurraa jedhamtutti ajjeesan.

Guyyuma wal fakkaatu jechuun Eebila 26, 2023 aanichuma keessa ganda Qarree Doobbii bakka addaa Jamoo jedhamtutti nama obbo Daaksisaa Toleeraa jedhamu jalaa mana jireenyaa lama mi’a mana keessaa waliin guutummaatti yoo guban, Qeerroo Siisay Shuggii jedhamu ammoo fuudhanii deemuun hanga ammaa achii buutee dhabamsiisuu jiraattotni dubbatu.

Ganda Qarree Doobbii bakka addaa Booyyee jedhamu keessattis Eebila 22, 2023 waraana sirnichaatiin Obbo Girmaa Ijjiguu jalaa manni jireenyaa guutummaatti abiddaan yoo barbadaa’u, ganda Abuyyee Roggee bakka addaa Abuyyee jedhamtutti ammoo Luba Masfiin Kiisii jalaa mana jireenyaa lama, mana jireenyaa haadha isaanii fi baabura midhaan daaku tokko mana waliin guban.

Dabalataanis gandichuma keessatti obbo Balaay Agidoo fi obbo Tajuuraa Gaaddisaa jedhaman jalaa mana jireenyaa qabeenya mana keessaa cufa waliin guutummatti barbadeessuun kan barame yoo ta’u, miidhaan waraana sirnichaatiin tibba dibbeen araaraa reebamaa  jiru kanatti raawwachuun isaa fedhii Abiy Ahimed araaraaf qabu xiqqaa ta’uu agarsiisa jechuun waanti araaraaf sirnichi dubbatu  goyomsaa mootummoota dhihaa fi uummata Oromoo akka ta’etti fudhanna jechuun yaada isaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti kan laatan jiraattota aanaa Gindabarati.

Exit mobile version