Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar ona Jalduu fi Ada’aa Bargaa keessatti waraanni goolessaan PP qabeenya uummata nagaa saamuu akkasumas reebicha hammeessuun beekame

ONM-ABO Eebila 29, 2023

Gareen maafi’aa bilxiginnaa kisaaraa dinagdee Isa mudatee jiru jalaa dandamachuuf, qabeenya uummata nagaa saamuuf wal qindeessee Oromiyaa keessatti bobba’ee kan jiru yoo ta’u, guyyaa gara guyyaattis saamichaa fi reebicha uummata nagaa irratti raawwatu itti fufee jira.

Akka kanaanis godina lixa Shaggar ona Jalduu ganda Oddoo Baddeessaa keessatti waraanni shororkeessaan PP bobba’uun  Eebila 27, 2023 ganama dheengadda irraa eegalee qabeenya uummata nagaa saamuun loon ooffatanii deemuun barameera.

Namoota saamichi kun irratti geggeeffame keessaa kan maqaan nu qaqqabe Ayyalaa Alamuu loon 5, bilbila harkaa fi maallaqa kan saamame yoo ta’u, Abarraa Qalbeessaa jalaa ammoo loon 2  ooffachuun meeshaalee mana keessaa caccabsaniiru. Obbo Girmaa nama jedhamu irrattis saamichi waraana bilxiginnaan geggeeffamuu jiraattotni himu.

Oduu biraatiin waraanni shororkeessaan PP lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa ganda Iluu Coqorsaa keessatti namoota nagaa maqaan isaanii Dajanee Lammaa, Galaanuu Dajanee, Tulluu Dajanee fi Taaddasaa Dirribaa jedhaman mana jireenyaa isaaniitii gadi baasuun reebicha ulfaataa irratti raawwachuun miidhaa irraan ga’aniiru.

Aanota lamaan kana keessatti uummanni reebichaa fi dararaa waraana bilxiginnaa dheessuun bakka biraatti godaanaa jiraachuu jiraattotni rakkoon kun irra ga’e Arraata biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version