Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Shaggar Aanaa Jalduu keessatti hidhattoonni Bilxiginnaa hidhaa fi saamicha uummata nagaa irratti hammeessuun dhaga’ame 

ONM-ABO Adoolessa 30, 2025 

Godina Lixa Shaggar aanaa Jalduu ganda Urga’aa jedhamu keessatti hidhattoonni murna Bilxiginnaa Adoolessa 24, 2025 nama nagaa siyaasa kamiyyuu keessaa harka hin qabne kan maqaan isaa Obbo Gammachuu Hordofaa jedhamu balleessaa tokko malee qe’ee isaatti duuluun saamicha qabeenyaa irratti raawwachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka jiraattonni himanitti Obbo Gammachuun yakka dalage kan hin qabne oggaa ta’u, garee faashistii PP saamicha irratti bobba’e loltoota isaaniin qabeenya namni kun jiireenya isaatti horate jalaa saamsisee jira. Qabeenyi jalaa saamames: 

Kana malees miseensota maatii isaanii kan ta’an namoota manicha keessaa ukkaamsuun hidhaatti darbatanii kan  jiran yoo ta’u, namootni maatii keessaa qabamuun hidhaman maqaan isaanii:

  1. Alamii Diroo Haadha warraa isaanii,
  2. Eebbisee Gammachuu,
  3. Gannat Gammachuu,
  4. Yohaannis Gammachuu fi
  5. Hacaaluu Gammachuu 

kanneen jedhaman miseensota maatii mana tokkoo yakka tokko malee qabanii hidhuun dararaa jiraachuun ibsameera.

Dabalataan abbaan ijoollee kanneenii Obbo Gammachuun tibba hidhaa fi saamichi manaa fi maatii isaa irratti raawwatamu qe’ee isaa kan hin jirree fi haajaa dhuunfaa isaatiif gara biraa deemee kan jiru yoo ta’u, tiksitoonni impaayerattii ammoo bakka argametti adamsanii qabuu fi tarkaanfii irratti fudhachuuf qophii xumuranii jiraachuun dhaga’ameera.

Exit mobile version