ONM-ABO Onkoloolessa 13, 2023
Uummata Oromoo xiinsammuu, diinagdee fi hawaasummaan dadhabsiisee bifa kanaan dura tureen olitti cabsuuf taarsiimoo si’ataan socho’aa kan jiru Biltsiginnaan, loltoota isaa naamusaa fi sansakkaa waraanummaa hin qabne, kan waan itti fe’ame qofa galmaan ga’uuf leenjifatan bobbbaasuun sabicha irratti yakkoota waraanaa raawwachaa jiru.
Bifuma kanaanis, loltootni PP kaleessa jechuunis Onkoloolessa 12, 2023 aanaa Abuunaa Gindabarat bakka Qarree Gohoo jedhamu dhaabbachuun ganda Gohoo Guduruu keessatti uummata gabaa guddaa gabaa kamisaa jedhamtutti walitti yaa’ee bittaaf gurgurtaa gaggeessaa ture irratti dhukaasa meeshaalee gurguddaa raawwataniin namootni nagaa hedduun miidhamuun himame.
Dhukaasa namoota nagaa irratti gaggeeffame kanaan Haati maqaan ishee Aadde Soorettii Yaadataa jedhamtu battalatti yoo dha’aamtu, haadha kana malees namootni hedduunis rasaasaan kan rukutamanii fi gariin ammoo gara bosonaatti baqachaa turuun himamuun, dhukaasichi yeroo dheeraatiif manneen namootaa irratti gadi roobaa turuunis dubbatame.

