ONM-ABO Waxabajji 20, 2023
Waraanni goolessituun impaayera Itoophiyaa gochaalee shororkeessummaa fi farra dhala namaa ta’aan uummata nagaa irratti raawwachuu itti fufuun, godina Lixa Shaggar keessatti rakkoolee jajjaboo uummata irratti uumaa kan jiran yoo ta’u, WBO deggertan jechuunis uummata fayyaaleyyii ajjeesuu itti fufanii jiru.
Torbee darbe Waxabajji 13, 2023 aanaa Abuunaa Gindabarat, ganda Gohoo Guduruu jedhamu Kessatti waraanni PP sababa tokko malee nama maqaan isaa Taaddasaa Kabbee jedhamu rasaasa itti roobsuun erga ajjeesanii booda mana namootaa seenuun bilbila harkaa, akkasumallee qarshii dabalatee waan argatan hunda saamaa turuu maddeen keenya Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Waraanni akka feeteen kun loon hawaasaas bakka arganitti qabanii qalataa kan deeman yoo ta’u, Obbo Qaanqee Raggaasaa jalaa qotiyyoo tokko qalatanii nyaataniiru.
Qabeenyaa hawaasaa ganda kana keessaa guuraa turan hunda nama tokkoof otoo hin deebisin fudhatanii kan deeman ta’u kan himan maddeen, saamicha waraanni kun uummata irratti gaggeessaa jiran aanicha keessatti hammaachuu dabaluun ibsaniiru.

