ONM-ABO Caamsaa 4, 2025
Miidhamni ilma namaa kan isaanitti hin dhagaa’amnee fi lubbuun dhala namaa biratti gatii kan hin qabne loltoonni sirnichaa Caamsaa 2, 2025 aanaa Abuunaa Gindabarat ganda Doggomaa Kibbii jedhamu keessatti nama sammuun isaa hubamaa kan homaayyuu adda baasee hin beekne, maqaan isaa Lammaa Oljirraa jedhamu reebicha hamaa irratti geggeessuun akka ajjeesan jiraattonni ONM’f eeranii jiru.
Gara jabeeyyiin loltoota impaayerattii uummata irraa dhalatan akka bineensaatti haala suukkanneessaan ajjeesuu adeeffatan guyyaa dhufee darbuun sarbama mirga namoomaa uummata Oromoo irratti hammeessuun dhukkubsataa fi fayyaa osoo adda hin baasne irra deddeebiin namoota qaama miidhamoo fi dhukkubootaan dararamanis ajjeesaa akka jiran ni beekama.
Lubbuu lammiilee nagaa obbaasuun turtii aangoo isaa dheeraffachuuf kan dhama’u guddisni habashootaa Oromummaan daldalu koloneel Abiy Ahimed waraana inni bobbaasaa jiruun uummanni aanaa Abuunaa Gindabarat saamicha, hidhaa fi manneen isaas yeroodhaa yerootti gubachaa jiraachuun gabaasa ONM’n qaqqabaa jiru irraa kan hubatamuudha.

