Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Shaggar aanaa Abuunaa Gindabarat keessatti ajjeechaan jumlaa namoota nagaa irratti raawwachuun, aanaa Jalduutti ammoo manneen namootaa hedduu gubachuun yoo barbadaa’u hidhaan fi saamichis raawwatameera 

ONM-ABO Mudde 13, 2023

Oromiyaa dachee dhiigaa fi dirree saamtotaa godhatanii akka barbaadanitti dhiiga Lammiilee nagaa fi qabeenya namoota nagaa gubuun barbadeessuun cinatti saamichi daangaa hin qabnee fi hidhaan namoota nagaa irratti hidhattoota garee maafi’aa PPn adeemaa jiru daangaa darbuun egereen sabichaa yaaddessaa ta’uutu dubbatama.

Haaluma kanaan aanaa Abuunaa Gindabarat ganda Irjaajootti kaleessaa gaafa Muddee 12, 2023 nama sammuun fayyaa hin taane umurii isaa dhukkubsataa ture Obbo Guutaa Baayisaa magaalaa walakkaatti waraanni pp rasaasa itti roobsun ajjeesan.

Ganda _Finnootti halkan dheengaddaa  Muddee 11, 2023 Obbo Tasfaayee Guddataa Umurii 56, Durbee Immushee Kabbee Umurii 16 fi Durbee Baatuu ni rasaasan rukuchuun madeessan.

Ganda Caffee Ereerii gaafa Muddee 10, 2023 Hirkoo Hombossaa Umurii 56, Obbo Asaffaa Tarfasaa umuriin 45 kan madaa’e, Obbo Fufaa Goobanaa Umurii 60, Obbo Taammanaa Raggaasaa Umurii 47, Obbo Abarraa Dirribaa Umurii 52 Obbo Guutaa Galmeessaa umurii 42, Guutaa Qalbeessaa , Koorsaa Badhanee, Abarraa Dirribaa, Hirkoo Yaadatee fi kan maqaan adda hin baane tokko reeffi isaa kan hin argamne haala sukkanneessan ajjeefamuu fi madaa’uu isaanii jiraattotni miira aariin dubbatu.  

Torbee darbes ganda kanatti qonnaan bulaan Afur bakka tokkotti waraana hidhattoota PPn ajjeefamuu isaanii gabaasaa turuun keenya ni yaadatama

Lixuma Shaggar aanaa Jalduu ganda Shukutee fi Ilikee keessattis gaafuma Muddee 10, 2023 manneen jiraattotaa hedduu gubachuun qabeenyi hedduunis saamamuu fi hidhaan raawwatameeera.

Ganda Shukutee keessaa Warquu Tarrafaa fu Kabbee namoota jedhaman jalaa manneen isaanii mi’a mana keessaa tokko osoo hin hambisin jalaa gubanii yoo barbadeessan, Abdiisaa Dirribaa horii 5, re’oota 12, Fayyisaa Leellisaa hoolota 8 fi horii 6, kabbadaa saffisaa horii 7 saamamanii jiru jedhu jiraattootni.

Shittoo Hubataa deesse torban 2, Gurree Fayisaa haadha maatii, Darajjee Xiiqii barataa kutaa 9 hidhamanii hiraarfamaa jiraachuus dabaluun ibsan.

Ganda Ilikee keessaa ammoo namoonni qabeenyi isaanii saamame Badhaadhaa Roobii horii 5, Baayisaa Araaramee horii 2 fi manni Amantoota Biraana kiristoos ganda Ilikee guutummaan guutuutti saamame jira jechuun Jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version