Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar aanaa Abuunaa Gindabarat keessatti hidhaan hawaasa nagaa irratti raawwatamu cimee itti fufe

ONM-ABO Hagayya 9, 2024 

Uummata Oromoo akkaataa isaaniif danda’ameen cabsuuf kan dhama’an murnoonni bilxiginnaa, yeroo ammaa kana yeroo kamuu caalaa goleewwan Oromiyaa cufa keessatti hidhaatti darbachuun dararuu hojii idilee godhatanii jiraachuun ni beekama.

Haaluma kanaan, godina Lixa Shaggar aanaa Abuunaa Gindabarat gandoota adda addaa keessatti hidhaa fi saamichi jabaatee jira.

Ji’oota darban keessa ganda Gooroo Dhoqonuu bakka addaa Awwaal Battee jedhamuun beekamu irraa namoota nagaa siyaasa kam keessaa qooda hin qabne hanga har’aatti gaaffii tokko malee onichatti hidhanii garmalee dararaa jiraachuu jiraattonni ONM’tti himan.

Namoonni hidhamanii garmalee dararamaa jiran kunis maqaan isaanii:

  1. Tolasaa Shifarraa,
  2. Asaffee Gusee,
  3. Dhufeeraa Labataa,
  4. Birmajjii Ejjetaa,
  5. Dhinsaa Darrasaa,
  6. Bojaa Margee,
  7. Abiyoot Amaashee,
  8. Fayyee Goshuu,
  9. Jaagamaa Yaadatee,
  10. Abuunaa Bacharee,
  11. Tasfaayee Katamaa,
  12. Qarsee Abdataa,
  13. Masuu Dilalleessaa,
  14. Girmaa Nugusee fi
  15. Ajjamaa Girmaa jedhamanii fi kanneen biroo hedduun sababa tokko malee Oromummaa isaanii qofaaf yakkamuun hidhamanii garmalee dararamaa jiraachuu maddeen keenya itti dabaluun ibsanii jiru.
Exit mobile version