Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni impaayerattii Godina Lixa Shaggar Aanaa Abuunaa Gindabarat keessatti hawaasa nagaa irratti saamicha raawwachuu hammeessan

ONM-ABO Waxabajjii 26, 2025 

Lixa Shaggar aanaa Abuunaa Gindabarat ganda Gaagoo Solee bakka addaa Iddoo Leencaa jedhamuun beekamutti ergamtoonni Bilxiginnaa Waxabajjii 23, 2025 nama maqaan isaa Booshii Barasaa Kabaa jedhamu jalaa sa’a dorrobaa 1 rasaasaan rukutuun qalatanii nyaachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Namni kun siyaasa kam irraa walaba ta’uu himuun, ergamtoonni safuu fi safeeffannaa hin beekne kunneen ammoo maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo deggerta” jedhuun qaanii tokko malee horii dorrobaa kanas jalaa qalachuu himan.

Bilxiginnaan Waraana Bilisummaa Oromoo lolaan injifachuu dadhabuu irraan kan ka’e deggartootaa fi jaallattoota qabsoo bilisummaa Oromoo akkasumas, maatii qabsaa’otaa yoo balleessine WBO injifachuu dandeenya jechuun meesha maleeyyii ilmaan Oromoo irratti sarbamiinsa mirga namoomaa garaa garaa raawwachaa jira.

Exit mobile version