Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Shaggar Aanaa Abuunaa Gindabarat keessatti loltoonni impaayera Itiyoophiyaa uummata nagaa saamuu fi reebuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Onkoloolessa 28, 2024 

Murni  Qabsoo Bilisummaa Oromoo lafee wareegamtootaa irraa tolfamee fi dhiiga qabsaa’otaan finiine bu’aa isaa butuun gara aangoo impaayerattiitti dhufe  bilxiginnaan, gaaffii fi dantaa Oromoo awwaaluun barcuma aangoo siyaasaa isaa qofa tikfachuuf jecha goleewwan Oromiyaa cufa keessatti waraana saayinsii waraanummaa hin beeknee fi naamusa hin qabne uummata meesha maleeyyiitti bobbaasuun saamicha, reebicha, hidhaa fi ajjeechaa raawwachuu cimsanii itti fufanii jiru. 

Lixa Shaggar aanaa Abuunaa Gindabarat ganda Kaloo Badhaasaa jedhamu keessaa Onkolooleessa 16, 2024 qonnaan bulaa maqaan isaanii Obbo Dhugumaa Taajjabaa jedhaman jalaa ergamtoonni sirnichaa loon 30 fi re’oota 10 erga saamanii booda, dubartii maqaan ishee Aadde Hindhaqnee Tolasaa jedhamtu hojjettuu mana Obbo Dhugumaa kan taate irratti ammoo reebicha ulfaataa raawwachuun cinaacha ishee cabsanii du’aa fi jireenya gidduutti rakkachaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka maddeen himanitti, Obbo Dhugumaan nama kabajamaa fi jaallatamummaa guddaa hawaasa naannichaa keessatti qabanii fi hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin qabne ta’uu himuun, dubartiin kunis yakka dalagdeef osoo hin taane waanjoo rakkinaa fi gadadoo hiyyummaan itti fide keessaa ba’uuf nama tattaafattu badii tokko malee sababa Oromumummaa ishee qofaaf dararaa hamaa irraan ga’anii jiraachuu dubbatu.

Exit mobile version