Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Shaggar aanaa  Abuunaa Gindabarat keessatti abbaan maatii tokko mana isaa keessatti loltoota sirnichaan ajjeefame

ONM-ABO Adoolessa 1, 2024

Ajjeechaan seera hin qabne kan uummata lafa irraa balleessuu qofaaf murna bilxiginnaan karoorfamee geggeeffamaa jiru jabaatee itti fufuun Ilmaan Oromoo guyyaa irraa gara guyyaatti gochaa isaanii malee, waan isaan keessa hin beekne akkasumas yakki isaan raawwatan osoo mana murtiitti dhihaatanii hin gaafatamin ajjeechaan adabamuu irratti argamu.

Guyyaa dheengaddaa jechuun Waxabajjii 29, 2024 Lixa Shaggar aanaa Abuunaa Gindabarat ganda Gohoo jedhamu keessatti loltootni uummata nagaa ajjeesuuf bobbaafaman kunneen nama nagaa abbaa maatii kan ta’e nama maqaan isaa Girmaa Damee jedhamu mana isaatti rasaasaan waadanii ajjeesuu jiraattotni ONM’tti himan.

Namni Kun nama siyaasa keessaa harka hin qabnee fi waa’ee siyaasaa hin beekne yoo ta’u aarii tibbana WBO’n duula Bobbaa Irbuu Shinniggaatiin loltoota sirnichaa irratti bakkeewwan hedduutti fudhachaa jiruun aaruun akka ajjeechaa kana irratti raawwatanis jiraattotni dabaluun ONM’tti himan.

Ajjeechaa qofaan furmaata ni arganna jedhanii ergamtoonni fi mataan bilxiginnaa duguuggaa sanyii raawwachaa kan jiran yoo ta’u, namoonni nagaanis maatii isaanii irraa ajjeefamanii maatiin rakkoo keessatti kufuun rakkachaa akka jiran gabaasaa turuun keenya kan yaadatamuudha.

Exit mobile version