ONM-ABO Ebla 11, 2025
Aanaa Abuunaa Gindabarat ganda Xaphiisa Madaallee jedhamu keessaa Ebla 3, 2025 tiksitoonni sirna nama nyaataa Bilxiginnaan Obbo Likkiisaa Addunyaa nama jedhamu jalaa badii tokko malee mana jireenyaa isaa qabeenya hunda waliin ibidda itti shidanii barbadeessuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, Obbo Likkiisaan siyaasa kam keessa kan hin jirre ta’uu himuun, waraanni sirnichaa ammoo maqaa “hidhata Waraanaa Bilisummaa Oromoo qabda” jedhuun guyyaa kana halkan toora sa’a 2:00’tti gara qe’ee isaa dhaquun gocha gara jabinaa kana irratti raawwachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Waa’ee barcuma siyaasaa isaa malee lubbuu ilma namaaf haajaa tokkollee kan hin qabne Koloneel Abiy Ahimed, goleewwan Oromiyaa mara keessatti loltoota isaa naamusa waraanummaa hin qabne kumaatamaan bobbaasuun uummata Oromoo irratti ajjeechaa, hidhaa, saamichaa fi gubaatii manneenii raawwachiisaa jira.

