Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaa Abuunaa Gindabarat keessatti loltoonni faashistii PP manneen jiraattotaa ibiddaan barbadeessuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Gurraandhala 12, 2025 

Teessuma siyaasaa nam-tokkee tiksuuf goleewwan Oromiyaa cufatti kan bobbaafaman loltoonni Bilxiginnaa, ilmaan Oromoo sobaan yakkuun gochoota gara jabinaa irratti raawwatan jabeessanii itti fufanii jiru.

Aanaa Abuunaa Gindabarat ganda Dhoqonuu Suree jedhamu keessaa Gurraandhala 8, 2025 namoota maqaan isaanii:

  1. Aadde Shukkee Mangashaa,
  2. Abdiisaa Simee fi 
  3. Bojaa Nagaash jedhaman 

ergamtoonni sirna nama nyaataa Bilxiginnaan badii tokko malee manneen jireenyaa isaanii qabeenya hunda waliin ibidda itti shidanii jalaa barbadeessanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, namoonni qe’ee fi qabeenyi isaanii loltoota sirnichaan jalaa barbadaa’e kunneen siyaasa kam irraa walaba ta’uu himuun, gochi gara jabinaa kunis sababa Oromummaa isaanii qofaaf irratti raawwatamuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Exit mobile version