Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Shaggar aanaa Abuunaa  Gindabarat keessatti dararriin hidhattoota murna abbaa irreen uummata irratti raawwatu itti fufuun qabeenya hedduu gubanii barbadeessuun gariin saaman

ONM-ABO Ebla 25, 2023

Saamichii fi mancaatiin waraana faashistii abbaa irreen uummata nagaa irratti rawwatamaa jiru Oromiyaa keessatti daangaa darbuun uummanni hedduun jiruu rakkinaa fi gadadoof saaxilamanii jiru.

Qonnaan bultoota Oromoo hojii qonnaa hojjechuun of jiraachisan irratti gocha badii raawwachuu kan itti fufee jiru yoo ta’u, lixa Shaggar aanaa Abuunaa Gindabarat ganda Gartokkee keessatti guyyaa kaleessaa jechuun Ebla 24, 2023 manneen qonnaan bultoota hedduu jalaa qabeenya saamuun gariin ammoo ibidda itti qabsiisuun gubanii barbaadeessanii jiru.

Namoonni manni isaanii jalaa barbadaa’e kunis maqaan isaanii  Abbabee Abarraa, Dammuu Baqqalaa, Malataa Abbashuu, Haayiluu Turabbaa, Dammuu Haayiluu, Dajanee Ijaaraa, Ejjetaa Tufaa, Baacaa Ejjetaa fi Buchuree Simee kanneen jedhamaniidha.

Namoonni manni isaanii jalaa barbadaa’e kunis wantoota akka maallaqaa fi midhaanii kan saamaman yoo ta’u mi’oota mana uffannaa dabalatee mana waliin gubanii barbadeessan jedhu.

Namoonni kunis yeroo ammaa mana jireenyaa, nyaataa fi uffannaa dhabuun rakkoo hamtuuf saaxilamanii akka jiran kan kaasan jiraattotni gandichaa gargaarsa illee barbaachaa jiraachuu dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version