Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaa Abuunaa Gindabaratitti loltoonni murna Bilxiginnaa manneen qonnaan bultootaa gubuu hammeessan

ONM-ABO Waxabajjii 6, 2025 

Murni gaaffii mirgaa fi abbaa biyyummaa saba guddaa gara yakkaatti maqsee afaan qawween deebisu bartee taasifate Bilxiginnaan, godina Lixa Shaggar aanaa Abuunaa Gindabarat ganda Gooroo Dhoqonuutti Waxabajjii 3, 2025  maatii qonnaan bultootaa jalaa mana jireenyaa fi qabeenya isaanii ibidda itti shiduun barbadeessanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru. 

Namoota manni jireenyaa fi qabeenyi isaanii jalaa gubate keessaa muraasni maqaa arganne:

  1. Obbo Dajanee Daffaraa qabeenya guutuu waliin, 
  2. Obbo Shuumii Baay’ee qabeenya mana keessaa fi midhaan gombisaa tokko guutuu  fi
  3. Aadde Farramee Addunyaa maanguddoo ganna 68 qe’ee fi qabeenya ishee gubanii mancaasuun rakkina ulfaataaf saaxilanii akka jiran maddeen ifoomsaniiru.

Waraanni impaayerattii ajaja koloneel Abiy Ahimed irraa fudhachuun bobbaafaman kunneen nageenya hawaasa Oromoo fi dinagdeen of ijaaree argamuu uummatichaa waan jibbuuf jecha guyyaa guyyaatti saamicha sabicha irratti geggeessaa jiraniin qe’een isaa balaa ergamtoota sirnichaan irra ga’uun manca’aa jiraachuu fi jireenya jiraatus wal’aalee jiruu gadadoo keessatti kufee kan argamu ta’uu jiraattonni dubbatu.

Exit mobile version