ONM-ABO Adoolessa 17, 2024
Sirni uummataaf naasuu hin qabne bilxiginnaan qotee bultoota badii isaaanii malee jibbiinsa irraa qabuuf qofa manneen isaanii jalaa gubuun dararaa irraan ga’aa jira.
Murni miidhaa irratti xiyyeeffatee qabeenya uummataa balleessaa jiru waraanni murna faashistii PP Adoolessa 15, 2024 Kaaba Shaggar aanaa Hidhabuu Abootee keessatti tarkaanfii WBO’n irratti fudhate dallanuun aarii isaa manneen qonnaan bultootaa gubuun barbaadessee jira.
Manneen uummata jalaa gubatan kunneen:- Girmaa Suyyumee jalaa mana qorqorroo 1 fi mana citaa 1 qabeenya guutuu waliin, Tasfaayee Baaburee jalaa mana qorqoorroo 2 fi mana citaa 1 qabeenyaa guutuu waliin, Dasii Jabanuu jalaa mana qorqoorroo 1 fi mana citaa 2 qabeenya guutuu waliin, Arraagoo Kabbadaa jalaa mana qorqoorroo 1 fi mana citaa 1 qabeenya guutuu waliin, Abbabaa Arraagoo jalaa mana qorqoorroo 1 fi mana citaa 1 qabeenya guutuu waliin, Baloo Dubbii jalaa mana qorqoorroo 1 fi mana citaa 3 qabeenya guutuu waliin gubuun akka barbadeessan jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

