Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Aanaa Harxummaa Fursee keessatti waraanni faashistii PP manneen namoota nagaa gubuun yoo barbadeessan, jiraattota hedduus qe’ee irraa buqqisan

ONM-ABO Onkoloolessa 28, 2024

Murni aantummaa fi quuqama uummata koon qaba jechuun sobee of dhaadessu bilxiginnaan, afaaniin nagaa fi misooma faarsaa loltoota isaa gara jabeeyyii qe’ee uummata Oromootti bobbaasuun maatii hirmaannaa siyaasaa kam irraa walaba ta’an ajjeesuu, hidhuu, saamuu, manneen irratti gubuu fi qe’ee irraa buqqisuun gidiraa hamtuu agarsiisaa jira.

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee ganda Golboo Arbaa keessatti Onkoloolessa 26, 2024 waraanni faashistii PP manneen namoota nagaa kan maqaan isaanii:

  1. Mahaammad Sulxaan Ibraahim mana qorqorroo 1 fi mana citaa tokko mi’a manaa tokko osoo hin baafatin, 
  2. Ibraahim Sulxaan Ibraahim mana qorqorroo tokkoo fi mana citaa tokko, 
  3. Ganda Mudha Hiddii irraa ammoo Ahimed Huseen mana qorqorroo tokkoo fi mana citaa 2 mi’a mana keessaa tokko osoo hin baafatin ibidda itti shiduun jalaa gubanii barbadeessaniiru. 

Namoonni manneen isaanii shiftoota Koloneel Abiy Ahimediin jalaa gubachuun barbadaa’e kunneen qonnaan bultoota yoo ta’an, hidhattootni murna bilxiginnaa kun maqaa maatii qabsaa’otaa fi deggartoota WBO’ti jedhuun maqaa namoota kanneenii barreeffatanii dhufuun dhukaasa hawaasa nagaa irratti bananii burjaajessuun qe’ee irraa erga buqqisaniin booda, mana Mahaammad Sulxaan gubuu yeroo dhaqanitti deessuun erga deessee bultii 7 taaate manicha keessa kan turte, yeroo isheen maaloo ani keessan jira daa’imuma kanaaf jecha narraa hin gubinaa jettee yeroo isaan kadhattutti kottuu gadi ba’i jedhanii harka qabanii aduu keessatti gatuun boba’aa itti naqanii mi’a mana keessaa, waan nyaatanii fi uffatanillee tokko osoo hin baafatin waliin  gubanii barbadeessuun haadha kanas daa’ima ishee waliin aduu keessatti gatanii deemaniiru.

Guyyuma manneen namootaa gubuun barbadeessan kana gandoota aanicha keessatti argaman kanneen akka Golboo Arbaa, Mudha Hiddii, Maaddara, Haraa fi kanneen biroo keessaa jiraattota qe’ee isaanii irraa buqqisuu fi maatiin manni irratti gubate kunneenis yeroo ammaa  nyaata, uffannaa fi bakka bultii dhabuun qorraa fi aduun dhaanamaa daandii gubbaatti kan argaman ta’uu maddeen dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version