ONM-ABO Adoolessa 9, 2024
Baatii tokkoo oliif saamichi, gubaatii fi hidhaan waraana faashistii PP’n jiraattota ona Harxummaa Fursee irratti bifa qindaa’aa ta’een geggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, saamichi irra deddeebiin loltoota murna bilxiginnaan hawaasa nagaa irratti guyyaa irraa gara guyyaatti raawwachaa jiru qe’ee madda dinagdee hubuun qe’ee jiraattotaatti hiyyummaa uwwisaa fi dafqa namoota hedduu bishaan jige taasisee abdii kutannaa fi gadadoon uummata Oromootti akka babal’atu taasisaa jira.
Bifuma kanaanis Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee magaalaa Qiciicoo keessatti Adoolessa 3, 2024 hidhattootni sirnichaa namoota maqaan isaanii Huseen Maammee, Ahimaduu Saanii, Maammee Arraagee, Maammee Arbee, Ahimed Mahaammad jedhaman reebicha ulfaataa irratti raawwachuun maqaa maatii qabsaa’otaa fi deggertoota WBO’ti jedhuun hidhaniiru.
Oduu saamichaatiin ammoo Adoolessa 4, 2024 raayyaan ittisa impaayerattii fi milishoonni sirna PP waliin ta’uun ganda Mashooree keessaa mana Obbo Ibraahim Sulxaan seenuun Qarshii 6000, warqee haadha manaa isaa qarshii 20,000’n bitame, Power Baankii yoo fudhatan, midhaan, barbaree fi bukoon bukaa’ellee osoo hin hafne jalaa dhangalaasuun ulaa isaa caccabsanii isa irrattis reebicha ulfaataa raawwatanii harka duwwaatti hambisuun deeman jedhu maddeen keenya.
Saamichi murnoota PP’n raawwatu itti fufuun, Adoolessa 6, 2024 magaalaa Qiciicoo keessaa bajaajii 4, kan Siraaj Saalii fi namoota biroo maqaan nu hin geenye fudhachuun kun qabeenya diinaati obboleessii fi abbaan isaa miseensa WBO’ti maqaa jedhuun bajaajii namootaa irraa fudhachuun magaalaa Caffaa Roobititti galfatanii jiraachuun barameera.
Dabalataanis waraanni faashistii PP kun qe’ee hawaasaa ganda Leedii keessatti badii dalaguu itti fufuun, Adoolessa 5, 2024 achitti deebi’uun mana namootaa fi ulaa duratti boombii awwaaluun jiraattotnis yeroo isaan kaa’an waan arganiif lubbuu isaanii oolfachuuf jecha qe’ee dhiisanii baqachaa akka jiran jiraataan ONM dubbise tokko dabaluun ibseera.

