Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee keessatti hidhattoota sirnichaan hidhaa fi reebichi namoota nagaa irratti raawwatu jabaate

ONM-ABO Adoolessa 10, 2024

Sirni diigamaa jiru PP’n nagaa waaraa afaan qawween deebisna jechuun uummata nagaa hidhannoo waraanaa homaatuu ofirraa hin qabne waan isaan keessa hin beekneen yakkee hidhuu fi qe’ee irraa godaansisuu jabeessee itti fufee jira. 

Akkuma kanaanis Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee ganda Awwaaraa keessaa Adoolessa 8, 2024 hidhattootni sirnichaa namoota maqaan isaanii Aliyyii Mahaammad, Mahaammad Hasan fi Aliyyii Hasan jiraattota ganda Goohaa kan ta’an reebicha irratti raawwachuun hidhaniiru jedhu maddeen keenya.

Oduuma hidhaan wal qabatuun  Adoolessa 8, 2024 ganduma Awwaaraa keessaa milishaa sirna PP kan ta’e namni maqaan isaa Mahaammad Adamee jedhamu caasaalee bilxiginnaan gochi uummata nagaa irratti raawwachaa jirtan hidhaa, saamicha, gubaatii fi buqqaatiidha, kun ammoo hawaasa kanaaf hin malu waan jedhe qofaaf miidhaa qaamaa jabaa irraan ga’uun mana hidhaatti darbataniiru. 

Aanaa Harxummaa Fursee kana keessatti irra deddeebiin dhiittaan mirga namoomaa jiraattota irratti hidhattoota murna bilxiginnaan raawwatu jabaachuu irraan kan ka’e namoonni hedduun qe’ee isaanii dhiisuun ooyruu fi firoota isaanii biratti galaa jiraachuu akkasumas haala ammaa  kanaan itti fufnaan jiraachuun keenyayyuu yaaddessaadha jechuun  dubbachuu isaanii ONM odeeffateera.

Exit mobile version