ONM-ABO Bitootessa 12, 2025
Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee ganda Goohee keessaa Bitootessa 9, 2025 hidhattootni sirnichaa namoota nagaa hedduu qe’eetti marsanii afaan soomaatiin qabuun reebicha ulfaataa irratti raawwatanii kaan hidhaatti darbatan.
Namoonni nagaan ganda Goohee irraa Bitootessa 9, 2025 hidhattoota Koloneel Abiy Ahimediin qe’ee isaanii keessaa qabaman kunneenis maqaan isaanii:
- Mahaammad Adoo,
- Aliyyii Mahaammad Hasan fi haadha maatii kan taate
- Aadde Faaximaa Umar dabalatee
namoota danuu sobaan yakkanii maqaa deggartoota WBO’ti jedhuun hidhaatti darbachuun barameera.
Lukkeeleen Bilxiginnaa kunneen gandichumatti guyyaadhuma namoota nagaa hidhaatti darbatan kana maanguddoo umurii 80 olii ijaanuu hin hubanne haadha Aliyyii Mahaammad Hasan Nuuruu kan jedhaman iddoo isaan ciisanitti reebicha suukkanneessoo ta’e irratti raawwachuu maddeen keenya ganda Goohee miira aarii fi gaddaan guutameen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeraniiru.
Hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo fi murni Bilxiginnaa Oromoota Walloo addatti wayita ramadaanaa adamsanii miidhaa adda addaa hanga ajjeechaa suukkanneessaatti irraan ga’uun kan beekaman yoo ta’u, har’as murni badiin Bilxiginnaa kun akkuma bartee isaanii armaan duraa hawaasichatti roorrisaa jiraachuun beekameera.

