ONM-ABO Bitootessa 11, 2025
Namoota nagaa hidhuu fi dararuu akka gootummaa fi turtii aangoo sirnichaa dheeressuutti kan fudhatan ergamttoonni murna Bilxiginnaa gochaa badii isaanii kana itti fufuun, Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee ganda Goohee keessaa Bitootessa 9, 2025 milishoonni sirnichaa qonnaan bulaa maqaan isaa; Aliyyii Mahaammad Hasan jedhamu garmalee reebuun magaalaa Qiciicootti hidhanii jiru.
Oduuma hidhaa fi reebichaatiin ammoo aanichuma ganda Golboo Arbaa irraa Bitootessa 8, 2025 nama nagaa hawaasa keessatti jaalatamummaa qabu kan maqaan isaa Maammee Mahaammad Sayiduu jedhamu milishoonni murna PP qabanii qawwee kee fidi ittiin jechuun harka duubatti hidhanii reebicha ulfaataa irratti raawwachuun harka isaa tokko guutummaatti caccabsanii miidhuun ibsameera.
Akka jiraattonni jedhanitti Maammeen kanaan duras milishoota sirnichaan maqaa qawwee qabdaa fi WBO’tti nu waliin duuluu didde jedhuun reebamaa kan ture fi badii malee hidhamuun beekameera.

