ONM-ABO Amajjii 30, 2025
Godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee keessatti hidhattootni sirnichaa Amajjii 27, 2025 namoota nagaa garmalee reebuun hidhaatti kan darbatan yoo ta’u, warroota hidhaman kanneen keessaas kan maqaa arganne ganda Goowlaa irraa:
- Mahaammad Kofoo,
- Mahaammad Sheek Ammuu,
- Ganda Hogomdii irraa
- Bukkulaa Umar Maammadoo
Ganda Dugda Bir’eessaa irraa:
- Mahaammad Aliishaa
- Maammadoo qabanii magaalaa Furseetti hidhaniiru.
Akka jiraattotni dubbatanitti, guyyaadhuma sana namni Mahaammad Aliishaa Maammadoo jedhamu reebicha suukkaneessoo irratti raawwatameen laafee of wallaalee wayita dubbachuu fi lafaa ka’uu dadhabutti loltoonni PP kunneen nu harkatti du’uuf deema jedhanii mana yaalaa magaalichaa galchuun yaalamaa kan jiruu fi warroota isa waliin turan ammoo mana fincaanii harkaan harsiisaa jiraachuun ibsameera.
Namoonni hidhaman kunneen qonnaan bultootaa fi abbootii maatii ta’uu himuun, isaanis yakka hojjetan qabaataniif osoo hin taane garee kaayyoo nam-tokkee tiksuuf bobbaafamte hidhattoota sirnichaan sobaan yakkamanii maqaa hidhata waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhamuun Oromummaa isaanii qofaaf dararamaa jiraachuu jiraattotni onichaa dabaluun ONM’tti himaniiru.

