Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee keessatti milishoota sirnichaan dargaggoon tokko madaa’uun hidhaa fi reebichi yoo raawwatamu, aanaa Dawwee Harawaattis hidhaan jiraattota irratti jabaate

ONM-ABO Hagayya 29, 2024

Lola Impaayerattii keessatti adeemaa jiruuf uummata Oromoo ajjeesuu, jumlaan hidhuu fi qe’ee irraa buqqisuun akka waan furmaata ta’eetti  fudhatanii kan bobba’an  ergamtootni bilxiginnaa gochoota badii isaanii guyyaa irraa gara guyyaatti hawaasa nagaa irratti raawwataniin qe’ee saba guddaatti gaddaa fi gadadoon hammaatee jira.

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee  ganda Awwaaraa keessatti Hagayya 28, 2024 milishoonni sirnichaa magaalaa Qiciicoo buufatanii  jiran maqaa sakattaa jedhuun ganda Awwaaraa seenanii namoota maqaan isaanii Ahimed Imaam, Ahimed Abdallaa fi Aliyyii Hasan jedhaman reebicha cimaa ta’e irraan ga’uun hidhaniiru jechuun maddeen ibsan.

Akka jiraattotni gandichaa ONM dubbise jedhanitti warreen ganda Awwaaraa deggartoota WBO’ti, eeruu laatuuf jechuun dargaggoo Ahimed Abdallaa jedhamu milishoonni kunneen itti dhukaasanii harka isaa irra madeessuun yaala tokko malee magaalaa Qiciicootti hidhuu fi namoota isa waliin jiran ammoo qabanii harka duubatti hidhuun tumanii iyyisiisaa akka turan dabaluun dubbatan.

Lukkeelee bilxiginnaa ta’uun adda durummaan kan dararrii adda addaa uummata irraan ga’aa jiru  milishaa gandichaa maqaan isaa God Maloo jedhamu ta’uu himaniiru.

Oduu hidhaa biraatiin ammoo godinichuma aanaa Dawwee Harawaa ganda Kataaroo keessatti Hagayya 22,2024 caasaaleen bilxiginnaa nama maqaan isaa Umar Baayyuu jedhamu abbaa maatii kan ta’e WBO deggarta jechuun  qabanii magaalaa Booraatti hidhanii dararaa jiraachuu jiraattotni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version