ONM-ABO Hagayya 14, 2024
Murni badee balleessaan bilxiginnaa sabaaf sablammoota imphaayerattii keessaa addatti ilmaan Oromoo irratti xiyyeeffachuun taayitaa kiyyaaf yaaddoodha jedhee yakkoota hawaasicha abdii kutachiisuu fi lafa irraa duguugu guyyaa irraa gara guyyaatti raawwatan jabeessanii itti fufaniiru.
Haaluma kanaanis, Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee magaalaa Qiciicoo keessatti Hagayya 11, 2024 hidhattootni sirnichaa raayyaa ittisa imphaayerattii, Poolisii fi milishoota jechuun of waaman namoota nagaa maqaa maatii qabsaa’otaa fi deggartoota WBO’ti jedhuun namoota maqaan isaanii Aliyyii Hasan Mahaammad, Hasan Huseen, Mahaammad Sayid, Sayid Abduu Bursee, Umaree Addurroo fi Huseen Arreegee jedhaman reebicha ulfaataa irraan ga’uun hidhanii jiraachuu jiraattotni dabaluun ibsaniiru.
Jiraataan magaalaa Qiciicoo tokko yaada isaa ONM’f qoodeen akka jedhutti Huseen Arraagee kan jedhamu guyyama qaban kana gabaa walakkaatti ujummoo qawween mataa isaa buruqsuun qaama isaa cufa ammoo uleen laalessanii yeroo ammaa yaala tokko osoo hin argatin mana hidhichaa keessatti du’aa fi jireenya gidduu jiraachuu isaa himan.
Namoota maqaan isaanii nu hin geenye danuun reebicha mana hidhaa kana keessatti murnoota faashistii PP kanaan irratti raawwatameen iddoo ciisichaatii ka’uu dadhabanii gidiraa hamtuu achi keessatti argaa akka jiran dabaluun addeesseera.

