Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kaaba Shaggar aanaa Hidhabuu Abootee keessatti Waraanni faashistii pp hidhaa fi gubaatii manneenii jabeessan

ONM-ABO Adoolessa 20, 2024

Bilxiginnaan dantaa uummata irraa dhabuun gochaa suukkannessaa adda hin citne irra deddeebiin uummata nagaan jiruu isaa gaggeeffatu badii tokko malee hiraarsaa, hidhaa akkasumas mana jumlaan irratti gubuun daaraa gochuu jabeessee itti fufee jira.

Adoolessa 16, 2024 Kaaba Shaggar aanaa Hidhabuu Abootee ganda Yaayyaa Alangoo iddoo addaa Abootee jedhamee beekamutti qaamni mootummaa ofiin jedhu waraana isaa bobbaasuun manneen qonnaan bultootaa  gara 6’tti abidda qabsiisanii daaraa godhanii deeman.

Isayyuu yeroo gannaa haalli cufti hamaa ta’etti gocha kana kan raawwatan yoo ta’u, maqaan namoota manni irraa gubatees; Obbo Tasfaayee Baaburee, Obbo Arraagoo Kabbadaa, Aadde Dasii Jabaanuu, Obbo Baloo Dubbii, Obbo Tolchaa Nagaashuu fi Obbo Girmaa Suyyumeefaa jalaa gubanii barbadeessuu gabaasnee turre.

Godina Kaaba Shaggar aanaa Hidhabuu Abootee keessatti gocha suukkanneessaa kana raawwachuu itti fufuun Adoolessa 18, 2024 galgala aanichuma magalaa Ejereetti nama Barsiisaa Guutamaa Simee jedhamuu fi Obboleessa isaa Darajjee Simee, Barsiisaa Abbay Asaffaa, barsiisaa Kaffaalaa Simee, Dargaggoo Cammaraa Fayyee jedhamuu fi namoota ja’a waliin qabanii  mooraa raayyaa ittisa imphaayerattiitti geessuun dararaa jiraachuun himame.

Galgala sana magaalaa keessa deemuun sababa tokko malee uummata nagaa WBO waliin hidhata qabdu jechuun mana hidhaatti guuraas akka turan odeeffannoon maddeen keenya gamasii irraa nu dhaqqaban ni addeessu.

Exit mobile version