Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kaaba Shaggar aanaa Hidhabuu Abootee keessatti Waraanni faashistii PP dargaggoo tokko ajjeesuun dhagaa’ame

ONM-ABO Adoolessa 26, 2024

Imphaayeera Itiyoophiyaa keessatti murni maafiyaa PP lammileen imphaayerattii akka nagaan ba’anii galan nageenya hawaasaa tiksuuf dirqama itti qabu hojiitti hiikuu hanqatee dantaa ofiisaaf jecha uummata nagaa balaa hamaaf saaxilee jiraachuu hojii isaa kan guyyaa guyyaa irraa hubachuun ni dandaa’ama.

Imphaayerattii keessatti   lammileen sagalee nama naasisuu, haamilee namaa cabsu, qorqalbii laaffisu, doorsisaa fi yaaddoo malee kan nama jajjabeessu, abdii namaaf kennuu fi nageenya namootaa tiksu dhaga’uu erga dhiisanii bubbuleera.

Oromiyaa dirree dhiigaa gochaa kan jiru Bilxiginnaan ammas Adoolessa 23, 2024 Kaaba Shaggar aanaa Hidhabuu Abootee keessatti waraanni goolessaan Bilxiginnaa ganda Nya’aa Gabaabuu jedhamu keessatti qeerroo tokko badii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesan. 

Qeerroon kun maqaan isaa Daanyee Ayyalaa Gonfaa kan jedhamu yoo ta’u, sababa tokko malee sirni ajjeesaan kun bakka inni taa’uutti manatti itti seenuun ajjeesuu maddeen keenya gamasii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version