• Mon. Mar 16th, 2026

Godina Lixa Shaggar aanaa Gindabarat keessatti saamichi haalaan jiraattota irratti waraana faashistii PP’n jabaate

Jul 23, 2024

ONM-ABO Adoolessa 23, 2024

Dhiittaan mirga namoomaa dhala namaa irratti imphaayera Itiyoophiyaa keessatti ta’aa jiru jabaatee itti fufuun, waraanni saba irraa dhalataniif gara laafina hin qabne qe’ee Oromootti bobbaa’anii ajjeesuu, saamuu fi hidhuun daba seenaan hin daganne hojjechaa jiru.

Akkuma kanaanis godina Lixa  Shaggar aanaa Gindabarat keessatti waraanni faashistii PP  ji’a tokko keessatti loon konkolaataa lamaa fi midhaan konkolaataa tokko fe’achuun gara Ambootti guuruun himameera.

Aanaa Gindabarat bakka addaa Nyamar Bulloo jedhamuu midhaan uummataa konkolaataa 2 fi horii konkolaataa 1, baay’ina horii 150 kan ta’u turtii ji’a tokkootti walitti qabachuun qe’ee hawaasaa onaa taasisuun akka fe’atan jiraattonni ONM’tti himaniiru. 

Dabalataanis uummanni nagaan baay’inni isaanii 40 ol ta’an  maqaa hariiroo WBO waliin qabdu jedhuun gandoota baadiyyaa irraa gara aanaatti dabarfamanii hidhaan hiraarfamaa akka jiran beekameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading