ONM-ABO Adoolessa 23, 2024
Ergamtootni bilxiginnaa goleewwan Oromiyaa mara keessatti dhiiraa fi dubartii osoo hin jenne safuu fi safeeffannaa tokko malee maatii qabsaa’otaa “ilma yookiin intala keetu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira; hidhata WBO qabdu” jechuun sobaan yakkanii uummata nagaan jiruu fi jireenya isaa geggeeffatu jumlaan gara mana hidhaatti guuraa jiraachuun kan beekamu yommuu ta’u, godina Baha Wallaggaa aanaa Diggaatti maatii qabsaa’otaa hidhaatti guuruun cimee itti fufee jiraachuun ibsameera.
Aanaa Diggaa ganda Firoomsaa jedhamutti Adoolessa 22, 2024 dubartii maqaan ishee Araggaash Nagaroo jedhamtu “ilma keetu WBO keessa jira” jechuun ukkaamsanii waajjira poolisii onichaatti hidhanii gidiraa hamaa irraan gahaa jiraachuu fi jiraattota aanichaa hunda irratti lukkeeleen bilxiginnaa rakkoo hammaataa irraan ga’aa jiraachuu jiraattonni gandichaa himanii jiru.


