• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Lixa Shaggar aanaa Ejersa Lafootti ergamtootni Bilxiginnaa walii isaaniitii wal hidhaa jiraachuun dhagaa’ame

Jul 23, 2024

ONM-ABO Adoolessa 23, 2024

Lukkeeleen Bilxiginnaa walii isaaniitiif illee naasuu tokko kan hin qabne ta’uun, guyyaa guyyaatti rakkoo keessoo isaaniitti uumamuun wal hidhaa, wal ajjeesaa, wal reebaa fi dararaa adda addaa wal irraan gahaa jiraachuu irraa kan ka’e ergamtoonni isaanii rakkoo  hamaa keessa jiraachuun ni beekama.

Haaluma kanaan, godina Lixa Shaggar aanaa Ejersa Lafootti ergamtootni bilxiginnaa walii isaaniitii wal hidhaa jiraachuu maddeen himan.

Aanicha magaalaa Naccoo jedhamuun beekamutti baatii Adoolessaa gara jalqabaa keessa nama maqaan isaa Guutamaa Badhaasaa jedhamuu Bulchaa bulchiinsa magaalaa Naccoo kan ta’e “waraqaa eenyummaa deggertoota Waraana Bilisummaa Oromoof baaste” jechuun walii isaaniitii wal hidhaanii dararaa hamaa wal irraan gahaa jiraachuu fi aanicha keessatti rakkoo hamaan hawaasa nagaatti garmalee cimuu maddeen keenya itti dhiyoo Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeraniiru.

Leave a Reply