Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Shaggar aanaa Dugdaatti loltoonni faashistii Abiy Ahimed gubaatii manneenii, saamichaa fi hidhaa uummata irratti raawwachuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Hagayya 18, 2024

Lolaan Waraana Bilisummaa Oromoo injifachuu waan hin dandeenyeef murni bilxiginnaa abdii kutannaa irraan ka’e hawaasa nagaa dararuutti fuula isaa deeffachuun akkuma qondaalli bilxiginnaa Fiqaaduu Tasammaa Qurxummii balleessuuf dura galaana gogsuu qabna jedhe uummanni Oromoo har’a gaaga’ama ulfaataa qe’ee isaa irratti argaa jira.

Haaluma kanaan, godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa bakkeewwan adda addaatti waraanni goolessaan PP hawaasa nagaa saamuu, hidhuu akkasumas qe’ee fi qabeenya jalaa mancaasuu itti fufee jira.

Ganda Koyyee Jajjabaa jedhamutti guyyaa kaleessaa Hagayya 17, 2024 nama maqaan isaa Nagaashuu Hawwaas jedhamu sababa tokko malee loltoonni faashistii PP mana jireenyaa isaa qabeenya guutuu waliin jalaa gubanii loon ja’a (6) ammoo ooffatanii deemuu  jiraattonni Arrataa Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.

Ganduma kanarraa Kamisa darbe nama maqaan isaa Qumbii Guddataa jedhamu ji’a darbe keessa mana hidhaarraa qarshii kuma afurtama (40,000) kaffalee kan gadi lakkifame ammas irra deebiin hidhanii jiraachuu maddeen itti dabaluun eeraniiru.

Exit mobile version