Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Shaggar aanaa Meettaa Walqixxee keessatti hidhattootni garee maafi’aa PP mana Amantaa Ortodoksii Miikaa’elaa jedhamu gubanii barbaadeessuun dhagaa’ame

ONM-ABO Caamsaa 17, 2023

Lola Waraana Bilisummaa Oromoo waliin geggeessaa kan jiru waraanni kolonel Abiy Ahimed iddoowwan hedduutti injifannoo WBOtiin akka baalatti harcaa’a kan oolan yoo ta’u aarii WBOn tarkaanfii irratti fudhateef jecha mana Amantaa Ortodoksii fi manneen namoota dhuunfaa gubanii barbadeessanii jiru.

Lixa Shaggar aanaa Meettaa Walqixxee ganda Buufaa Caffee keessatti waraanni namoota nagaa ajjeesuu fi manneen namoota gubuun beekamu lola gaafa Caamsaa 14, 2023 aanicha keessatti Waraana Bilisummaa Oromoo waliin geggeessaa turaniin waraana kolonel Abiy Ahimed irratti tarkaanfii jabaan gootichaa Waraana Bilisummaa Oromoon waan fudhatameef miira aarii keessa galuun mana Amantaa Ortodoksii Miikaa’elaa jedhamu gubanii barbaadeessan jedhu jiraattotni.

Kana malees manni qonnaan bultoota hedduus gubatee akka jiru kan himan jiraattootni kunneen waraanni qaama hidhate isaan haleelaa jiru dhiisanii mana namoota nagaa fi mana amantaa gubu waraana osoo hin taane warreen uummata Oromoo kallattii cufaan balleessuuf bobba’an faashistoota jaarraa kanaati jechuun yaada isaanii Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf qoodaniiru.

Exit mobile version