Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Murni PP magaalaa Jimmaa fi Aanaalee Godinichaa keessatti saamichaa fi dararaa garaa garaan uummata miidhaa jiraachuun barame

ONM-ABO Bitootessa 24, 2025 

Magaalaa Jimmaa fi aanota godinichaa 21 ta’an keessatti uummata qaala’insa jireenyaan waadamaa jiru dirqiin afaan qawwee fayyadamuun deggersaa fi buusii addaa addaa jechuun akkasumas ijaarsa waajjira gandaaf jechuun nama tokko qarshii 5000-10,000’tti kaffalchiisaa jiraachuu jiraattonni rakkoon kun irra ga’aa jiru ONM’f eeran.

Kana malees aanaa Deedoo keessatti maqaa kaffaltii inshuraansii fayyaaf nama tokko irraa qarshii 1960 fuudhaa kan jiran ta’us, uummanni qarshii kana kaffalus buufata fayyaa fi hospitaala Jimmaa irraa tajaajila tokkoyyuu argachaa akka hin jirres dubbatu.

Murni PP kun filannoo bara dhufuuf namoota paartii keenya hin deggerre ammuma adda baafachuu qabna maqaa jedhuun namoota doorsisaa kan jiru yoo ta’u, haala kanaanis dargaggootaa fi hojjettoota mootummaa doorsisaa  jiru. Ogeessa Waajjira Qonnaa aanaa Deedoo nama maqaan isaa Rashiid Haajii Goojjam jedhamu sababa hin beekamneen hojii irraa ari’anii kan jiran oggaa ta’u, akka karoorri isaanii kun mul’isutti namoota ija siyaasaan ilaaluun osoo filannoon hin ga’in hidhuu fi ajjeesuu qabna jechuun dhaadachaa jiraachuu  maddeen keenya gamasii dabaluun ifoomsanii jiru.

Exit mobile version