Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa Onoota hedduu keessatti maqaa deggersa Raayyaa Ittisa Impaayera Itoophiyaa jedhuun saamicha daran hammassan

Godina Qellem Wallaggaa Onoota hedduu keessatti maqaa deggersa Raayyaa Ittisa Impaayera Itoophiyaa jedhuun saamicha daran hammassan.

ONM-ABO Fulbaana 24, 2022 Ummata Oromoo saamanii umrii impaayerattii dheeressuuf tattaaffiin kadironni PP taasisan itti fufe jira.
Dabballoonni sirna balfama PP godina Qellem Wallaggaa onoota akka Daallee Waabara, Gaawoo Qeebbee, Jimmaa Horroo fi Onoota kaan keessatti saamichii maallaqaa maqaa deggersa Raayyaa Ittisa Impaayera Itoophiyaa jedhuun daran jabaassanii jiru.

Murni bilxiginnaa kun Konkolaachistoota konkolaataa fe’umsa harkaa qarshii 3,000 ,Namoota doqdoqqeen nama deddeebisan irraa ammo qarshii 1,500 harka fudhachuun jireenya itti hadheessa jiru.

Gareen saamicha bare kun mana murtii aadaa ijaarsisna jechuun hojjettootti godinichaa cufa irraa miindaa isaanii baatii tokko akka kutan dirqisiisaa jiraachuu hojjettootni dubbatu.

“Harki hanna bare doolutu sosso’a” akkuma jedhamu murni bilxinna saamichaaf bobba’e maqaa garaagaraa moggaafatee maallaqa adamsaa waan jiruuf ummatni Oromoo hundinuu qabeenya isaatiin impaayera Itoophiyaa akka hin utubne karoora badiiisaa kana akka morman kan dhaammatan jiraattoota godina Qellem Wallaggaa ti.

Exit mobile version