Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Booranaa onoota hedduu keessatti uummata hongeen miidhame deggersa raayyaa Ittisa Impaayeraa Itoophiyaa taasisaa jechuun dirqisiisaa jiraachuun barame.

Godina Booranaa onoota hedduu keessatti uummata hongeen miidhame deggersa raayyaa Ittisa Impaayeraa Itoophiyaa taasisaa jechuun dirqisiisaa jiraachuun barame.

ONM-ABO Fulbaana 10, 2022 Uummatni Oromoo Kibba Oromiyaa godina Boorana rakkoo balaa hongee isaan mudateen lubbuun Namoota hedduun du’aaf saaxilamuun cinaatti horiin harkaa dhumachuun ummatichi birmannaa dhabee jireenya hadhooftu keessa jira.
Murni bilxiginnaa uummata Oromoo balaa hongeen dhumaa jiruu kanaaf midhaan nyaataan birmachuu irra humna Waraana itti fe’uun ajjeesisaa fi midhaan dhaabbileen miti mootummaa gargaarsa godhaniif dabballoota isaan saamsisaa ture.

Haaluma kanaan Fulbaana 6, 2022 irraa kaasee godina Boorana onoota akka Dubluq, Dirree, Goomolee fi Eelwaayyee keessatti dabballooti Sirna PP abbooti qabeenyaa waltajjii ariifachiisaa baasuun dirqamaan akka waraana impaayeerattiif deggersa maallaqa kennan akeekkachiisan.

Akka Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa odeeffatetti dargaggoonni doqdoqqeen nama deddeebisan illee osoo hin hafin mallaqa kennuu akka qaban dabballooti Sirna PP gara laafuummaa tokko malee dirqisiisuun beekamee jira.

Dursitootni impaayerattii nuti ilmaan Abbaa Gadaati jechuun miidiyaa irraa kijibaa oolaan kun uummata hongeen miidhame dandamachiisuf tattaffii isaan godhan tokkoyyuu kan hin turree fi umrii impaayera Itoophiyaa ishee ilmaan Oromoo nyaattuu dheeressuuf uummata ofiifuu gargaarsa barbaadu nu deggeraa jechuun waan ceeraati kan jedhan jiraattoota godina Booranaa ti.

Exit mobile version